Telegram Group Search
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Nabi Muhammad (S A W) ergamaa Rabbii tahuu ragaa bahuu jechuu
1.Waan inni itti si ajaje fudhachuu
2.Waan inni hime dhugeefachuu
3.Waan inni irraa si dhowwee irraa fagaachuu
4.karaa inni tocheen malee karaa dhibiin Rabbi gabbaruu dhabuu .
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Mana nama yoo dhufte akkanumatti seenuu adoo hin tahin seenoo jettee yeroo sadahiif heyyama gaafata ,yoo seenii siin jedhan ni seenta,yoo siin hin jedhin deebiyii galii.
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
kana beeytuu laata?
1-Imaam Abuu Haniifaan essatti dhalate?
=magaalaa Kuufaa Iiraaq
2-Imaam Abuu Haniifaan yoom du'e?
=Hijraa 150 magaalaa Bagdaad kessatti du'e,nama kuma shantamiitu irratti salaate.
3-kitaab ni Imaam Maalik beekkamaan maal ja'ama?
=Muwaxxa'a
4- Imaam Maalik yoom du'e?
=Hijraa 179,umriin isaa amata 90 ture
5- Imaam Shaafi'iin essatti dhalate?
=filisxiin magaalaa Ghazzaa
6-maqaan Imaam Shaafi'ii maali?
=Muhammad bin Idriis
7-Imaam Shaafi'iin barataa eenyuu ture?
=barataa Imaam Maalik
8-ibnu teeymiyaan essatti dhalate?
=Harraan,dhiha dimashq,Hijraa 661 kessa dhalate
9-Maqaan Ibnu Maajaa eenyu?
=Abuu Abdullaah Muhammad bin Yaziid Al-Qazwiinii
10-layni Furaat magaalaa meeqa kessa dabra?
=sadii,Turkii Suuriyaa fii Iraaqi
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama

Safir Edris
WANTII GAARII TA'E TOKKOO WANTA BADAA TA'E TOKKOO
KEESSATTII DHOKACHUU MALA.
Bareedinni ilaaluudhaan qofa hin madaalamu. (Seenaa
dinqisiisaa tana obsaan dubbisi)
-----------------
Qubsuma ija isaa kan taatu barbaadeetiin dubra takkaa
argatee fuudhe. Guyyaa wal fuudhan sana galgala irratti
bareedina ishee ilaaluuf jecha fuula ishee yommuu ol qabee
ilaalu hanga barbaadu sana itti bareeduu didde. Dhugaa dha
wal fuudhuu
isaaniitiin dura fuula ishee ilaalee hin beeku. Amma garuu
fuula ishee yommuu ilaaluu hedduu bareedduu miti.
Sababa saniif guyyaa cidha isaanii isheen gargar bahee bule.
Guyyaa sana irraa eegalee gargar bahanii buluun itti fufe.
Haati manaa yommuu dhimma kana hubattu gara abbaa
manaa isheetti deemtee akkana jetteen. <<Wanti gaarii tahe
tokko
tarii wanta badaa tahe tokko keessatti dhokachuu mala.>>
jetteen. Anas guyyaa sana wanta isheen dubbatte itti
dhagahamee haadha mana isaa wajjiin
sirna guyyaa cidhaa kabajaan raawwate.
Haa ta'uu garuu guyyaa itti aanu Anas qalbiin isaa
gammachuu argachuu waan hin dandeenyeef yeroo
lammaffaaf isheedhaan gargar ba'e. Gar gar ba'uun isaanii
kun waggootaa 20f turuu danda'e.
Haati manaa isaa ulfa ta'uu isheetuu Anas hin beeku ture.
Waggaa 20 booda Anas gara ganda isaatti deebi'e. Mana isaa
kan durii beekuu isaa irraan gara masjiidaa salaataaf
deeme. Eega salaatee ka'ee
booda masjiida keessatti imaamaan barumsi kennamaa waan
tureef barumsa imaamaan kennamu hordofuu jalqabe.
Barumsa masjiida keessatti dhagaheen dinqisiifate. Waa'ee
imaama kanaa beekuuf nama gaafachuu eegale. Imaamu
Maalik akka jedhamu itti himame. Kan eenyuu akka tahe
gaafate. Ilma nama Anas jedhamuu akka tahee fii abbaan
isaa ganda kana waggaa 20 dura gadi lakkisee akka deemee
jiru itti himan.
Yeroo da'awaan xumurametti Anas gara Imaamu Maalikitti
deemee gara mana isaanii akka isa geessu gaafateen. Gara
mana isaaniitti deeman. Balbala manaa yommuu gahu Anas
ni dhaabbate. Akka Imaamu Maalik gara manaatti
aseeneetiin
haadha isaatti <<Wanti gaarii tahe tokko wanta badaa
tahe tokko keessatti dhokachuu mala>> naaf jedhii itti himi
je,en Imaamu Maalik gara keessatti ol seenee haadhaa
isaatti hime. Yommuu
kana haati daddafteetiin deemi abbaa keeti bar dafii
balbala jalaa bani haa seenuu, abbaan kee karaa deemee
dhufaa jiraa jetteen.
Ilaalaa, Haati manaa tun "abbaan manaa koo na gateetiin
na biraa deeme" jettee "Abbaan manaa koo guyyaa takka of
duuba deebi'ee na gaafatee hin beeku" jettee loltee manaa
hin ariine. Abbaa
manaa ishee guyyaa takkallee wanta badaan kaaftee
haasoftee hin beektu ture.
Nageenyi isaan guyyaa san wal gaafatan oowwaa ture. Tan
akkanaati bar haadha manaa gaarii jechuun. Dhuguma
isheen haadha Imaamu Maalik Ibni Anas taate!
Tan barumsa diinii irratti isa guddifatte Subhaanallah!
Bareedinni ilaaluudhaan qofa hin madaalamu. Akhlaaqa
gaarii yoo tahe malee. Rabbiin nu haa waffaqu!
Senaa tana share gotuu male biraan dabriin.

@Milkaahina
@MiyoBabulKheyri
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
♻️Mootiin du'aa(Malik Almuut)yeroo Lubbuu namaa baasu qaama namaa keessaa malaaykoonni isa bira jiru

♻️Namni du'e sun yoo warra jannataarraa tahe malaaykoota sanii waliin shittoo fii kafana jannataatu jira lubbuu qulqulluu tana fidanii deemu kafana Sanaan qabanii gara samaa'ii bahu Hanga Rabbiin bira dhaabbatutti

♻️Eegasii Rabbiin ol tahe ni jedha galmeessaa gabricha kiyyaa galmee warra toltuu hojjatanii keessatti San booda gara dacheetti gad deebisu lubbuun gara qaamaatti deebiti
gaafii Rabbiin kee Eenu?
Amantiin kee maali?
Nabiyyii kee Eenyu?.. jedhu deebisuuf

♻️😢Yoo lubbuun duute sun lubbuu osoo duniyaarra jirtuu Rabbitti Amante hin taane malaaykoonni ni bu'u kan isaanii waliin kafanni ibiddaa jiru lubbuu duute Sana kafana sanaan qabanii gara samaa'iitti ol bahu balballi samaa'ii itti cufamee gara dacheetti deebisu Rabbiin ol tahe akkas jedha "Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti. Eegasii Akkas jedha Galmeessaa gabricha kiyya galmee yakkamtootaa keessatti

📚ابن عثيمين رحمه الله
📚شرح العقيدة الواسطية
📚| ص.٤٠/٤١]
Forwarded from OBSAA 🎤
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Nama afur ka Rabbi biratti jibbamaa.
1.Nama kakuun meeshaa ufii gurguratuu.
2.Hiyyeessa Boonu.
3.Jaarsa zinaa hojjatuu.
4.Mootii Jallataa.
Forwarded from مركز الهدى دعوى سينتر (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Yaa gabroottan Rabbii Wal hin Waanyinaa!

Hadiisa Abii Hureeyraa irraa odeeyfameen : Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan “wal hin hinaafinaa (hin waanyinaa), wal hindaginaa, wal Hin jibbinaa, waliin hin oodinaa , walirratti (wal gubbaan) hin gurgurinaa, yaa gabroottan Rabbii obboleeyyan tahaa! Islaamni obboleeyyan waliiti: isa hin miidhu, isaaf tumsuu hin dhiisu, isa hin kijibsiisu, isa hin xiqqeeysu. Sodaan as jirti- gara qomaa yaroo sadi akeekan. Obbleeysa isaa kan Islaama xiqqeeysuun ilma namaatiif hammeenyarraa (diliirraa) ni gayaaf. Islaamni cufti dhiiga islaamaa gad naquun, horii isaa saamuun, kabajaa (naamusa) isaa cabsuun haraami."

Muslimiitu gabaase.

Ammas maddi kabajaa fi jabeenyaa Rabbii tokkicha tahuu hubachuunis barbaachisaadha.

(مَن كَانَ یُرِیدُ ٱلۡعِزَّةَ فَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ جَمِیعًاۚ)
"Namni jabeenya barbaadu, jabeenyi hundi kan Rabbiiti." [Surah Fatir 10]

Kabajaa fi jabeenyi kan argamu Rabbii guddaaf ajajamuudhaani.

Kanumaaf, hogguu salaataaf dhaabbannu hunda suuraa faatihaa keessatti:
(فإذا قال العبد: إياك نعبد وإياك نستعين، يقول الله عزوجلا : هذا بيني وبين عبدي ولعبدي ما سأل)
"iyyaaka na'ibudu, wa iyyaaka nasta'iin 'Yaa Allaah, sima gabbarra, simatti gargaarsifanna" jennee Rabbiif waadaa galla.
https://www.group-telegram.com/gorsadubartotaa
https://www.group-telegram.com/gorsadubartotaa
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
"🚫Murtiin nama beekkaan namootaan kofalchiisuuf jechaa dhuufuu maali??🙊🙈

Ulamoonni beekkaan namoota keessatti dhuufuun hojii ummata Nabi luux irraa tahuu yaadachiisaniiru Namni Namootarraa hin qaanfanne Rabbiin irraayis hin qaanfatu Gariin ulamaa'ii Akki jedhan jecha rabbii ol tahe 👉"وَتَأْتُونَ فِي نَادِيكُمُ الْمُنْكَرَ )👉Iddoo Yaa’ii keessanii keessattis gochoota jibbamoo ta’an raawwattuu? jedhu kanarratti"isaan(ummanni) Nabi luux iddoo wal gahii keessatti kan dhuufan turan
"🚫Sababaalee hojii fokkattuu dhiirri dhiiratti dabalamuutti isaan geesse keessaa inni duraa beekkaan Namoota keessatti dhuufuudha jedhan:

📚"مختصر الفتاوى
"لشيخ الإسلام ابن تيمية،
"عليه رحمة ربي البرية،(ص٦٠٥)

"Naamuusa(Adaba)hamtuu fokkattuu irraayi Namni Sagalee dhuufuu isaa namoota keessatti ol kaasuun,

📚الشرح الممتع
"لشيخ ابن عثيمين
"عليه رحمة ربي العالمين (١٤٤/١٢)*

🚫Gochi gadheen kun garuu yeroo Ammaa kana marsaalee hawaasaa irratti challenge Namootaan kofalchiisan tahee Argama🤔

😁Garuu nama jalaa miliqee bahetti kolfuun dhorkaadha Ergamaan rabbiiﷺ Sahaabota gorsee waa'ee kanarratti
Akkana jedheen sila tokkoon keessan maalif namatti kolfa waan ofiifis dalaguun

📚Sahiih Al-bukhaarii(2855)]...Sahiih muslim(4942)]
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Haasawa Haalaan Bareedaa Nama Towbaa Isaa Irra Turuu Barbaadeef.."

Mee dubbisaa waliifiis SHARE godhaa..

Gurbaan tokko Imaam ibraahim Ibn Ad-hamitti dhufee ja'een.. " Yaa Imaam Diliin dhiisuu dadhabe, towbadhuus ittumaan deebi'a.. Mee maal furmaata naaf dhaamta akkaan towbaa irra turu"..

Gaafiin kuni cimaadha.. irra hedduun keenya haalli kunis nu qunnama.. Dilii irraa towbannee ammas daddeebinee keessa buuna..

Imaam Ibraahiimiis, jechoota 5 amma siif dubbadhu kana sirritti na hordofi ja'een:..

1) "Yoo dilii dalaguu feete, Rizqii Rabbii hin nyaatin" ja'een..

Gurbaaniis:.. "yaa imaam, wanni dachii gubbaa jiru hundinuu Rizqii isaatii.. duba akkamitiin ykn maal
nyaadheen jiraadha?" ja'een..

Imaam Ibraahiim:.. "Duba Rizqii isaa nyaachaati isatti
dilooytaa?? kuni nama sammuu qaburraa hin eeggamu." ja'een

Gurbaan: "mee tan lammaffaatoo maali?" ja'ee gaafate.. Imaam Ibraahiim:..

2) "Yeroo dilii dalaguu feete, dachii rabbii gubbatti hin dalaginii, tan biraa laalladhu" ja'een..

Gurbaan: "yaa imaam dachiin hundi tan Rabbiitii bakka biraa taniin dhaqu hin qabu.." ja'een

Imaam Ibraahimiis: "Duba ati, rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaa jiraachaati dilii isaa daleeydaa?/" ja'een

Gurbaaniis: " sadaffaa ergaa teetii as kenni" ja'een..
Imaam Ibraahiim:

3)" Yeroo dilii dalaguuf deemtu bikka Rabbiin sin arkine dhaqii dalagi" ja'een

Namtichiniis hedduu ajaa'ibee, akkana ja'een: "Hay addunyaa tana gubbaa bakkummaan inni itti nan arkinee huu hin jiru gaa" jennaan

Imaam Ibraahimiis: "Duba ati Rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaarratti, bikka inni itti si arkutti dilii isaa daleeydaa..??" jachuudhaan deebiseef..

Gurbaan: "mee tan afraffaatoo maali..??"
Imaam Ibraahiim:

4) "Hoggaa duuti ykn malakulmawtiin sitti dhufe, ani amma du'uu hin fadhuutii, niin toowbadhaa xiqqo
booda natti deebi'i ja'ii ofirraa oofi".. ja'een..

Namtichiniis:.. "Hay du'a namni tokkolleenuu ifirraa deebisuu hin dandayu gaa.." ja'een..

Imaam Ibraahiim: "Duba ati Rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaa jiraachaa, bakka inni si arkutti dilii daleeydee, kha gaafa duuti sitti dhufte ofirraa
deebisuu hin dandeenye, dilii Rabbii keetii akkamiin
daleeydaa??"..

Gurbaan: "Mee tan shanafaattoo maali?" jachuun gaafate..
Imaam Ibraahiim:

5) "Gaafa dirree qiyaamatti malaa'ikaan ibiddaa
(Zabaaniyaan) ibidda jahannamitti si darbuuf sitti
dhufan.. ani isin waliin gara ibiddaa hin deemu" ja'ii wajiin deemuu jalaa didi ja'een..

Gurbaaniis.. "ani akkam ja'eetiin jalaa hafuu dandaha.. hoggas dirqama kiyyaa.." ja'een..

Imaam Ibrahiim: "Duba ati rizqii isaa nyaachaa, dachii isaa gubbaa jiraachaa, bakka inni si arkutti dilii hojjachaa, khani du'a ofirraa deebisuu hin dandeenye,
guyyaa qiyaamaatiis lubbuu tee ibidda irraa nagaya baasuu hin dandeenye, akkamiin dilii Rabbii
daleeyda" ja'een..

Namtichiniis, "naaf gahe, naaf gahe, naaf gahe.. wallaahi yaa imaam, gorsa bareedaa naaf kennite.. ganaa diliitti hin deebi'u" jachaa biraa kute..

Obbaleeyyan kiyya yeroo lubbuun teenya dilii nu hawwite jachoota kana haa yaadannu..

Dilii irraa dhaabbachuuf sababa nuuf taha ja'eetiin amana.. Gorsa irraa fudhattaniis comment nuuf barreeysaa.. nu hundinuu akka wal fayyadnuu!!?
Forwarded from مركز الهدى دعوى سينتر (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
وقال عمر بن الخطاب رضي الله عنه: (حاسبوا أنفسكم قبل أن تحاسبوا، وزنوها قبل أن توزنوا، فإن أهون عليكم في الحساب غداً أن تحاسبوا أنفسكم اليوم، وتزينوا للعرض الأكبر، يومئذ تعرضون لا تخفى منكم خافية).
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Baatiin #Quraanaa dhufuuf Guyyaa 29 qofaatu hafe.
Namoonni baay'een jireenya isa Social media irra taasifatee jira. Amma yeroon kan Qur'aanaati Of qopheessi Qur'aanatti deebi'i.
يا باغي الخير أقبل ويا باغي الشر أقصر
Yaa Rahmaan nama Qur'aanakee qabatee Milkaa'u nu taasisi

By Abuu Xalhaa

https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Mana wanni sadii keessatti dalagamtuu Rabbiin barakaa keessa fuudhaa
1.Mana Qabeenyi keessatti Qisaasamuu
2.Mana Zinaan(Sagaagalummaan) keessatti dalagamtuu
3.Mana haatii warraatiif abbaan warraa keessatti wal ganan
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
Forwarded from Kadijaa binti Aliyii (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
Adunyaa tana irratti namii Rabbiin Haadha manaa dansaa kenneef kennaan sunii olii hin jirtuu.
Warri hin fuudhin Rabbiin isanii haa kennuu!
https://www.group-telegram.com/Binti_Islama
Forwarded from مركز الهدى دعوى سينتر (إن أكرمكم عند الله أتقاكم اللهم إجعلنا من عبادك الصالحين خديجة بنت علي )
انظُرْ كَيْفَ ضَرَبُوا لَكَ الْأَمْثَالَ فَضَلُّوا فَلَا يَسْتَطِيعُونَ سَبِيلًا

Akka isaan fakkeenya siif godhanii jallatanii karaa sirrii [argachuu] hin dandeenye ilaali (xiinxali).

https://www.group-telegram.com/gorsadubartotaa
https://www.group-telegram.com/gorsadubartotaa
2025/01/13 05:27:45
Back to Top
HTML Embed Code: