group-telegram.com/Kuusaawalaloo1/3
Last Update:
Humnas qabaattee miti,
Kan bishaan si dadhabu,
Bareeddees kaarruu miti,
Kan biyyi siif gaggabu!
Atoo hoogganaas miti,
Hin baranne doofadhaa,
Xuriiyyuu hin dhiqattuu,
Uffannikee moofadha,
Faannikee babbaqaqaan,
Saantima fayyaa galchaa,
Dibatteen haxaawwattu,
Fuulli keetuu daalacha.
Si jaalatu si faarsu,
Akka koodee tiruutti,
Teessoorraa ol siif jedhu,
Akka mootii biyyaatti,
Dulloomtee raagdeefoo,
Haarrii hin biqilchine,
Sooreessa siin jechuuf,
Qottee hin dilbeechine,
Waa'eedhumtikee kuni,
Raajiidha nama dhiba,
Iccitiin isaa hin baramu,
Akka qixxaa irra dibaa,
Warri biyya bulchanuu,
Warreen qondaalaaf mootii
Amma kee hin kabajamu,
Warri akka soddaa kootii.
Maal? Akkamiitti, maaf?
Jennee gaafannus kalee,
Iccitiin isaa as dhiyoodha,
Hubannee reef nuu galee!
Dhugaaf kakattee duutaa,
Bubbee nagaa bubbista.
Gad jeettee harka fuutaa,
Xiqqaaf guddaa dubbista.
Maalumattuu hin sharaftuu,
Dhugaadhaaf dhagaa baattaa,
Qooqxee midhaan lagattee,
Garaakee duwwaa kaatta.
Guddaa ormaa hawwitee,
Xiqqaa kan kee hintuffattu,
Garaan kee gaarii yaadaa,
Hamaa namaan dubbattu.
Dhoksaan nuun si jaallannu,
Kan lubbuu siif wareegnuufi,
Icciitii biraa hinqabnu;
BY Kuusaa walaloo
Warning: Undefined variable $i in /var/www/group-telegram/post.php on line 260
Share with your friend now:
group-telegram.com/Kuusaawalaloo1/3