Telegram Group Search
Channel photo updated
Koottuu hordofi Danbalii Jaalalaa
Qalbiidha wayyeessa tan dheebuu jaalalaa
Jaalala jechuun yoo hiikne
Hiikuu baannuus yoo tilmaamne
J= Jalqaba jireenyaa
A= Araara jireenyaa
A= Abaaboo urgooftuu
L=Laga nadhii yaatuu
A=Alagaa fi fira addan filattuu
L= Lagaaf tabbaan hin daangoftuu
A= Ajaja uumaatii iddoo ofiin feete deemtee tan si mootuu
Jaalala maqaansii tan akka daa'imaa ga'eessa boochiftu
Jaalala dhamaaftuu
Of wallaalchiftuu
Qaama qullaa dhiiftee onnee tan boojitu
Jaalala maraachituu
Jaalala kan jaalatee argate gammachiiftuu
Waan hedduun hiikamti jaalalti
Asii fi achi nama raaftii
Gumaata Koo kana anaaf kudhaammadhaa!!!!!

Nama Dhugaan Nama Jaalatu Itti Boonuun Doofummadha!
Hiriyaa Nama Waliin Hin Turreef Oonnee Ofi Kennun Wallaalummadha!
Jaalalli Kan Oonneeti Jibbi Garuu Kan Garaati
Akkuma Jaalalli Jiru Jibbis Jira Waan Ta'eef Iccitii Yeroo Jaalala Hasa'an Yeroo Jibbaa Haasa'un Wallaalummaadha!
Carraan Buddeena Si Nyaachisa Malee Beeka Sin Taasisu, Beekaa Ta'uuf Dubbisutu Barbaachisa!
Dubbatteef Beeka Hin Taatu, Calliftefis Hin Wallaaltu
Qabaattef Du'a Hin Haftu Hiyyoomteefis Hin Duutu
Nama Jaalachuu Kee Malee Namaan Jaalatamu Kee Shakki!
Jaalalan Osoo Hin Qabamin Dura Eenyuun Akka Jaalattuf Maalif Akka Jaalattu Dursi beeki!
Dhabe Jettee Hin Gaddiin Bori Argatta Yoo Abdi Qabatte, Argadhe Jettes Hin booniin Bori Dhabuunis ni Mala
Kaayyoo Kee Hin Dagatiin Waada Kees Kabaji Obsi Obsan Aannan Goromsaa Dhugan!
Nama Waliin Jirtu Fuudhurra Nama Wal Malee Jirachuu Hin Dandenyee Fuudhutu Caala!
Namni Obsa Qabuuf Mukti Firii Qabu Gad Jedha
Wanti Bareedu Hundi Gaarii Miti,Wanti Gaariin Hundi Garuu Bareedadha!
Dubbisuu,waliif hiruu keessaniif Galata Oromummaa na biraa keewwattanii jirtu!
👉 follow me Danbalii Jaalalaa
Galatoomaa!
Seenaa bareedduu fi barnoota irraa argattan kana dubbisaa‼️
▬ ▬ ▬ ▬ ▬ ▬ ▬ ▬

Hiriyyoota lamatuu turee. Gaaf tokko imala waliin bahanii jidduu kanatti hooteela tokko goranii kutaa qabatanii bulan. Bariisaa irratti gara dhimma isaanitti yeroo deemuuf ka'an jara lamaan keessaa tokko qarshii harkaa qabu irraa diinara 100 jalaa badee.

Ergasii hiriyyaa isaatiin akkana jedhe : "kiisii kiyya keessaa diinaarri 100 na jalaa badee way argitee" jedheen.

innis akkana jedheen "Eeyyen natu fuudhatee. Halkan irratti ka'ee meesha wayii bituuf fudhadhee" jedheen.

"Akkasii... abshir" jedheeni gara dhimma isaanitti deeman.

Dhimma isaanii xumuranii gara hooteelatti yeroo deebi'an qulqulleessaa hooteela sanaa keessa kan kutaa isaanii qulqulleesse isanitti seenee akkana jedheen :
"kutaa keessan yeroo qulqulleessuuf seenu diinaara 100 lafaa argee" jedheenii isaaniif keenne.

Yeroo kana kan qarshiin jalaa badee turee sun ajaaibsiifataa garaa hiriyyaa isaa garagalee "Natu fudhatee naan jettee hin turree⁉️" jedheen.

Hiriyyaan isaas akkana jedhee deebiseef :-
"Akkuma argitu kutaa kana keessa nu lamaan malee hin jiru. Hin argine silaa siin jedhe shayxanni jidduu keenna seenee hojii isaa hojjechuu danda'aa. Sun akka hin taaneef diinara 100 of irratti idaa taasisee hiriyyummaan keenna qarshiif jecha akka hin cinneef jedhee fudhadhe siin jedhee" jedheen.

Hiriyyaa akkanaa saalihaf amanamaa yoo qabaatte jabeeffadhu!
Hunda keennahu rabbiin saalihafi nama rabbiin sodaatu nuha taasisuu.
Egaa mal egadaarre namootaa hiiriyyaa akkas qabddaa tanan chaneli kanaa irratii add godhiikaa
#Ajaaiba..👇
Dubbisi mee obsaan..!!

" Dhiironni Haadha manaa malee akkasuma Dubartoonni dhaabbiitti kan hafaniif sababoota 11 n jedhu xiinxalaan tokko...!!

1.Bareedduu yoo taate Bilchinni yaadaa zeeroodha.
2.Hubannoo kan qabdu yoo taate fuula guurtuu taati.
( Yabbuu namarra buufatti)
3. Soorettii (qabeenya kan qabdu) yoo taate sin kabajju!
4. Hojjattuu cimtuu yoo taate Siif yeroo hin qabdu!
5. Kan fuula namatti hin kennine yoo taate Ulaagaa
isheetu baay'ata.
6. Garraamii (gara laafettii) yoo taate Onneen ishee Dhiira
biraatiin miidhameera.
7. Itti gaafatamummaan kan itti dhaga'amu yoo taate
Jaalalaaf dhimma hin qabdu!
8.Baay'ee barattee beekumsa kan qabdu yoo taate Yeroo
hunda "Anatu sirriidha" siin jetti.
9. Kan hin baranne yoo taate Yeroo ati sirreessitu Siin lolti,
siin ooddi!
10. Haxxee (Abshaala) yoo taate lafuma duwwaa
kanarratti si sobdi

11. Baay'ee amala qabeettii yoo taate qofa dhiira argachuu dandeesi jedhu...
Follow Danbalii Jaalalaa
#TOKKICHA_KOO
Yeroon akkaataa ati itti na jaalattu, akkaataa ati itti naaf yaaddu, akkaataa ati itti na mararfattu, akkaataa ati itti na hubattu, akkaataa ati itti na dhaggeeffattu, akkaataa ati itti na abdattuuf itti gaafatamummaa koo fudhattu ilaale. Anis akkan dachaa godhee itti gaafatamummaa keef kan jaalala kee fudhadhu na taasista!

Eeyyeen, anis itti gaafatamummaa keef kan jaalala keen qaba. Onneekee ishee na jaalattuuf na mararfattu san kunuunsa isheen narraa barbaaddu godheefii, ishee gammachiisuuf boqochisuuf yeroo hunda qophooftuudha.

Kunuunsa onneenkee narraa barbaadu godheefii ishee gammachiisuuf boqochisuun Anaaf gammachuu dachaati.
Yeroo hunda gammachuu keen arguu fedha, yeroo hunda sin jaaladha Tokkicha koo.❤️😘
DHIMMA JAALALAAF
👇👇👇👇👇👇👇
👉 Danbalii Jaalalaa
Yoo siniitii tolee namootaa ittii gadd halaakiifnuu yaa jam,aa
Forwarded from 𝚂𝙼𝙰𝚁𝚃 𝙿𝚁𝙾𝙼𝙾𝚃𝙸𝙾𝙽 📊
#Breaking_News #Ifoomeraa

Ministeerrii Barnoota Ibsaa Ammaa Baasee Jiraa.

◎ Bu'aan Qormaata Kutaa 12 Sa'aatii 6ttii Akkaa Gadii Lakkiifaamuu Ibsameeraa.

◎Yeroo Qormannii Gad-Dhisameettii Ilalachuuf Iddoo VIEW Jedhuu Tuqaa.
𝗔𝗹𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗺𝘂𝗹𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮
𝘀𝘂𝘂𝘁𝗮 𝗷𝗲𝘁𝘁𝗲𝗲 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗮𝗮
𝗴𝗮𝗮𝗳𝗮 𝗱𝗵𝗮𝗾𝗲𝗲 𝗴𝗮'𝘂𝘂
𝗷𝗶𝗶𝗻𝗶 𝗸𝘂𝗱𝗵𝗮 𝗹𝗮𝗺𝗮𝗮

𝗿𝗼𝗼𝗯𝗮𝗮𝗳 𝗰𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮
𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗾𝗮𝘅𝘅𝗮𝗮𝗺𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲
𝗳𝘂𝘂𝗹𝗱𝘂𝗿𝗮𝗮 𝗺𝘂𝗹𝗹𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲
𝘅𝗶𝗾𝗾𝗼𝗼 𝗯𝘂𝗯𝘂𝗿𝗮𝘁𝘁𝗲𝗲

𝗿𝗼𝗼𝗯𝗻𝗶 𝗵𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗱𝗲𝗲
𝗮𝗱𝘂𝘂𝗻 𝗻𝘂𝘁𝘁𝗶 𝗶𝗳𝘁𝗲𝗲
𝗱𝗵𝗼𝗾𝗾𝗲𝗲𝗻 𝗷𝗶'𝗮 𝗴𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮
𝗦𝘂𝗻 𝘅𝗶𝗾𝗾𝗼𝗼 𝗾𝗼𝗾𝗼𝗼𝗿𝘁𝗲𝗲

𝘄𝗼𝗼𝘆𝘆𝗼𝗼 𝗯𝗼𝗼𝗾𝗮𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮
𝗯𝗮𝗴𝗮 𝗻𝗮𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗱𝗵𝘂𝗳𝘁𝗲𝗲
Live stream finished (1 minute)
(Killers of Marriage)


WANTOOTA GAA'ELA AJJEESAN
1. Dadhabbiin gaa'ela ajjeesa.
2. Shakkiin gaa'ela ajjeesa.
3. Wal amantaa dhabuun gaa’ela ajjeesa.
4. Wal kabajuu dhabuun gaa’ela ajjeesa.
5. Dhiifama gochuu dhabuun, walhadheessuun, jibbi, hammeenyi fi aariin gaa'ela ajjeesa.
6. Falmiin hin barbaachifne gaa’ela ajjeesa.
7. Hiriyaa gaaʼelaa kee jalaa iccitii dhoksuun gaaʼela ajjeesa.
8. Amanamummaa dhabuun bifa kamiinuu gaa’ela (maallaqa, miira, xiinsammuu, meeshaa fi kan kana fakkaatan) ajjeesa.
9. Walhubannaa dhabuun, dandeettiin waliin dubbii gadi aanaan (poor communication) gaaʼela ajjeesa.
10. Sobni salphaatti gaa'ela ajjeesa, gama hundaan hiriyaa gaa'elaa keetiif garaa qulqulluu ta'i!
11. Hiriyaa gaa’elaa kee caalaa warra kee/miseensota maatii kee wajjin walitti dhufeenya qabaachuun gaa’ela ajjeesa.
12. Walqunnamtii saalaa ga’aa dhabuun yookiin gammachiisaa hin taane gaa’ela ajjeesa.
13. Nageenya dhabuun gaaʼela ajjeesa.
14. Garmalee haasaʼuu fi of eeggannoo malee dubbachuun gaaʼela ajjeesa.
15. Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin yeroo xinnoo yookiin daqiiqaa muraasa dabarsuun gaaʼela ni ajjeesa.
16. Garmalee yaada ofiitiin murteessuun gaaʼela ni ajjeesa.
17. JAALALA dhabuun, maallaqa, baasiin hin barbaachifne, naamusa maallaqaa dhabuun gaa’ela ajjeesa.
18. Hiriyaan gaaʼelaa kee gaʼumsa dhabuu isaa warra keetiif yookiin obboloota keetiif saaxiluun gaaʼela ajjeesa.
19. Hafuuratti jabaachuu/cimaa ta’uu dhiisuun, waliin kadhachuu dhiisuun, gaa’ela qofa osoo hin taane jireenya kee ajjeesa.
20. Sirreeffamaa fi gorsa tuffachuun gaa’ela ajjeesa.
21. Yeroo hunda fuula gaddaa mul'isuu fi miira hin taane qabaachuun gaa'ela ajjeesa.
22. Miirri to'annaa malee yookiin ho'aan, aariin gaa'ela ajjeesa.
23. Gahee fi ejjennoo kee hubachuu dhabuun, gaa’ela keessatti akka Waaqayyo hundeessetti itti gaafatamummaa fudhachuu dhiisuun gaa’ela ajjeesa.
24. Fedhii hafuuraa, miira, maallaqaa fi qaama hiriyaa gaa’elaa keessaniif miiraan ilaaluu dhiisuun gaa’ela ajjeesa.
25. Wanti kamiyyuu ejjennoo/nageenya haadha manaa balaadhaaf kan saaxilu yoo ta’e, deebiin isheen kennitu gaa’ela ishee irratti miidhaa ni geessisa.


❍ Yoo jaalattan, #Like, #Share, fi #Comment taasisaa! Galatoomaa!

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
HUBAADHU 》
●●●●●●●●●●●●●●
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
■◇-kan yeroo hundaa kolfu beekkumsa of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa kadhatu kennaa of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa kakatu amantii of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa jarjaru hiree of dhoowwa.
■◇-Dubbachuun immoo gootummaa mitii!
■◇Cal'isuun sodaaf miti !
■◇-Kaayyoo kee hin dagattiin!
■◇-DHaageesseef hin dubbaatin!
■◇-Argaateedhaf hin nyaatin!
■◇-Waan xiqqoo hin gowwoomin!
■◇-Iccitti kee hin himaatiin!
■◇-Rakkoo kee hin dhokfaatin!
■◇-Hirriyyaa kee hin tufaatin!
■◇-Dhandhamachaa nyaadhu!
■◇-Tilmaamitti dubbaadhu!
■◇-Fakkeesittu hin ta'iin!
■◇-Dhugaaf falmu filaadhu!
■◇-Baay'ee dhageefadhuu!
■◇-Xiqqoo immoo dubbaadhuu!
■◇-Kan namaa hin dubbaatiin!
■◇-Kan kee hin dhisiin!
■◇-Nama hin sodaatiin kabaajii malee!
■◇-Ofi immoo hin tufaatiin!
■◇-Gowwaa naman hin jedhiin!
■◇-Beeka ofi hin godhin!
■◇-Amaantii kee kabajii!
■◇-Kan nama hin tufaatiin!
#JAALALA_KOO_SIMADHU...

Diyaamendii yoon dhabes
Isa gatiinsaa cimaa
Onneerraan si jaalladha
Jilbeenfadheen sitti hima!
------------------
Murteessaan warqee mitiim
Warqee isa gatii jabaa
Jaalalli dhugaa taanan
Abaaboon hiika qaba!
----------
Utuun onnee siif laadhee
Sagal kufee siif cabuu
Garaan kee amma kana
Natti jabaachuu hin qabu!!
---------
Kennaa waaqaatii malee
Jaalalli hin qabu cubbuu
Onneerraan si jaalladhaa
Tole naaf jedhi lubbu!!!!
Eefa wal hubannee
Wal simanne gochaan
Onnee teenya lamaan
Miine beeynu jechaan.
      ~
Akka adda baanuuf
Meeqa yaade nutti
Anaafi ati moo
Hidhamne walitti.
   ~~~~
Akkasiif akkanaan
Nu dhufu namarraa
Jaalala teenya san
Hin baasu kararraa.
     ~
Jaalalli dhugaadhaa
Nu jiddu magaree
Rakkina meeqatam
Obsumaan dabaree.
      ~~~~
Jatte jattee alaaf
Nuti qalbiin hirru
Gaaddisa jaalalaa
Gonkuma hin cirru.
     ~~~~
Bareenni jaalalaa
Qalbii nuuf itichee
Nama hamaaf gaarii
Adda nu gingilchee.
 
    ════════════
┗━━━  ━━💞━━  ━━━┛

    
              𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
              𝚂𝙷𝙰𝚁𝙴
        🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
        🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
     
Fayyaan qabaa seeta
Yoo ilkaan koo seequ
Gubbataa keessaa koo
Anaaf homtuu hin beku

Barri haa darbuuf
Osoon hundaa obsuu
Maadaan koo baay'ate
Dhabame kan naf qoorsu

Isan beekus akka hin beknee
Icciitii koos dhokfadhee
Kulkulee hafee madaan koo
Namtokkoyyuu naaf hin bekne

Maalan si komadha
Ato anaaf ormaa
Firriyyu naa dheesseem
Kophaan taa'ee gumguma

Nan dadhabe anii
Ba'aa hagana baachuu
Turee bubbuleeraa
Ergan dhabee gammach
2024/10/01 06:43:21
Back to Top
HTML Embed Code: